- Information
- AI Chat
Seenaa Gootota Oromoo 1
Business law (301)
Jimma University
Preview text
SEENAA GOOTOTA OROMOO
JENERAAL WAAQOO GUUTUU
Jeneraal Waaqoo Guutuun (1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga uummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse. Ijoollummaa Isaa Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hasanirraa bara 1924 aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal kan hore yoo ta'au , kaniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa (2015tti) dubartoota kudha-ja'a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee soddomii-afur qaba. Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee mana osoo hin bayin, osoo abbaansaa hinbeekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta'iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan. Qabsoo Jalqabuusaa Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta'anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana "Eessatti baddee, Waaqoo!!!" jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii "Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi" jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin "maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee" jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan. Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta'an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa'imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii
maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka'aa" jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani. "Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa," jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii gabroomfattootaatiin ba'an Gannaalleen gama cee'anii, Walaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa'oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddeetiin walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi'i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan. Haala kanaan diinaan lola'aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo argachuu jalqaban. Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee socho'e. "Ummata keenyaan wal ta'aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!" jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba'uun, bakka bu'oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri'ii fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi'ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka jedhamutti ummata walga'e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan. Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu'uun yaada isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee, Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu'uu addatti waamee "Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu ga'aa hinqabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta'e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif godhaa, asuma quphadhuu taa'ii, taa'ii yeroo itti eggadhuu" jedheen. Waaqoo Guutuu, mootummaasn Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuunkee dhugadha, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo'aa keessaa ba'e, amma diina maangudoo, dubartii fi daa'imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa ‘Guddoodha hindandeessan" jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni," Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma'aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaa" jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada isaa kana xiinxaluun hubatee "Wanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga
jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi'an. Bara 2000 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa'ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo gidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii turan. Dhaamsa ummataa dura taa'ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas "Yaa ummata keenya gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har'a ammoo beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanqanne. Har'a tokko ta'aa jirra, dhaabbilee Oromoo ja'an walii galtee uumaa jirra, Ummatni keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa—mee gaara dorrobe nu hingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii odoo eeganii lilmoo dhale, gaara dorrobee lilmmoo dhale nuhingotdhinaa," jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan. Injifannoo Waraanaa Loltoonni Waaqoo Guutuu lenjii fi meeshaa ga'aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalqaban. Injifannoo guddaa argatan keessaa tokko Waraana Malkaa Annaatti bara 1963 godhame. Waraana kanarratti, helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hintaanen rukutanii kuffisan. Kanaafis barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee "Towra/Sowra Dhombiir" jedhamuun beekkama. Waraana Dhombiir kan Malkaa Annaatti godhamerratti finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji'an, kunis meeshaa ittiin diina ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee, haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani. Du'uusaa Jeneraal Waaqo dhukkubsatanii gaafa Gurraandhala 3, 2006 lubbuunsaa dabarte. Dr Gammachuu Magarsaa awwaala Jeneraal Waaqoo irratti akka dubbatetti "Waaqoon odoo lubbuun jiruu dhiisii gaafa du'ellee ummata gara garaa walitti fida" jedhe. "Dhaloonni isarraa dhaalu ummata Oromoo tokko akka godhan amanna". Jeneraal Waaqon, qabsoo bilisummaa uummanni Oromoo godhe fi godhaa jiru keessatti gumaacha guddaa godheen yaaddatamaa jiraata. JAAL JAARRAA ABBAA GADAA Jaarraa Abbaa Gadaa(1936-2013), maqaa dhalootaa Abdulkariim Ibraahim Hamiid jedhamuunis ni beekkama, qabsaawaa mirga Oromootif falmaa ture fi falmata mirga dhala namaati. Jaarraan umuriisaa guutuu ummata Oromootif qabsaawun dabarse. Seenaa Duubaa Jaarraa Abbaa Gadaa Baha Oromiyaa, konyaa Gaara Mul’ataa ganda Mudiir Gooroo keessatti abbaasaa Ibraahim Hamiid fi harmeesaa Moominaa Eeboo irraa bara 1936 dhalatan. Yeroo umuriin barnootaf ga'us mana barumsaa galanii barachuu eegalan. Mana barumsaa sadarkaa olaanaa Harar keessatti yeroo baratan, baratoonni saboota biroo akka Amaaraa, Hararii fi kkf yeroo ayyaanaa walaloo fi sirba aadaa sirbanii ummata isaani bashannansiisu ture. Baratoonni Oromoo garuu, sababa hacuuccaa, dhiibbaa fi jibbiinsa irratti geggeeffamurraa kan ka'e hirmaannan afaanii fi aadaa ofii guddisuu hinyaaddamu ture. Kun itti dhaga'ame Jaarraa Abbaa Gadaa, barattoota Oromoo walitti gurmeessun dhaaba "Waldaa Barattoota Oromoo" jedhamu hundeesse. Jaarran karaa dhaaba barattootaa kanaatin, ijoollen Oromoo wal akka baran, hacuuccaa ummata Oromoorratti hojjatamu akka hubatan, afaansaanii fi aadaasaanii akka guddisan dadammaqasaa ture. Namoota yeroo sana dhaaba kana keessa turan keessa pirofeesar Mahammad Hasan, Xahaa Alii Abdii,
Jamaal Alii Abdii faadha. Dhaabni kunis jajjabaatee, bara 1961tti mana siinimaa Hararitti, agarsiisa aadaa Oromoo geggeesse. Barumsa sadarkaa lammaffaa akkuma xumureen, Akkaadaamii Barumsa Waraanaa Harar galee barachuu jalqabe. Yeroo gabaabaa booda, bulchiinsi akkaadaamichaa, amantiisaa akka hinshaakalle waan dhorkeef, bakka bilisaan jiraachuu ta'usaa waan hubateef, barumsa addaan kutee ba'e. Qabsoo Hidhanoo Bara 1966 qabsaawota Baalee kan gabrummaa hadhooftuu lolanitti makamuuf loltoota 12 fudhatee gara Baalee deeme. Baaleettis Fincila Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamu sanitti galee qabsoo jalqabe. Fincila Baalerrattis lola gurguddaa hedduu keessatti hirmaateera. Akkuma mootummaan Fincila Baalee too'annoo jala oolcheen, Jaarraan leenjii fi meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteessaa ta'uu Isaa waan hubateef achumaan gara Somaaliyaa deeme. Mootummaan Sumaalee qabsoo Baaletiif gargaarsa gochaa ture, haaluma kanaan Jaarraas simatan. Boodarra garuu, bara 1969 Mootummaan Ziyaad Baarree kan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo hayyamu dide. Ziyaad Baarreen Oromoonni maqaa Somaaleetiin yoo qabsaa'an malee gargaarsa akka hinarganne ibsan. Akka Ziyaad Baarree jedhutti Harargee, Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha, Oromoo miti. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hingodhan. Jaarraan Abbaa Gadaa yeroo kana gara biyya Arabaatii gargaarsa barbaacha Yaman deeme. Bara 1970 Yaman Kibbaa magaala Eden gale. Yamanittis, Oromoota kan biroo kan Elemoo Qilxuu, Huseen Sura fi kkf walarguun waa'ee qabsoo Oromoo mari'atan; dhaaba Oromoof qabsaa'us hundeessuf murteessan. Mootummaa Yaman waliin marii kan godhe yoo ta'u mootummaan Yamanis gargaarsa gochuuf abdii kennaniif. Baruma sana keessa gara Iraaqis deemee qaamoota mootummaa waliin marii godheera. Huseen Suraa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni kan biroo Kaayiroo, Bagdaad fi Damaasqoo dhaquun marii geggeessan. Mootummaan Iraaqii fi Sooriyaa meeshaa waraanaa keennuufiif, Filisxeemonni Sooriyaa keessa jiran leenjii waraanaa kennuuf waadaa galan. Erga qophiin barbaachisu xumuramee booda, loltoonni 36 biyyatti deebi'anii qabsoo waraana kan eegalan leenjii waggaa tokkoo fudhatan. Maqaan loltoota kanaas Qeerroo Ganamaa jedhamaee moggaafame. Baruma kana Jaarraan Qeerroo Ganamaa hogganuudhaan meeshaa waraanaa fudhatee gara biyyaa qajeele. Qeerroo Ganamaa 36n hogganuudhaan Jaarraan doonii yaabbatanii Sumaaleetti wayita bu’an, waraanni Sumaalee isaan marsee isaan qabe. Bara 1970tti Somaaliyaa keessatti mana hidhaa Mandheeraa jedhamutti waggaa shan hidhaan dabarsan. Waggaa shan hidhaa keessa turee achii ba'ee gara Moqaadishoo geeffame. Moqaadishootti Ziyaad Baarre ofumasaatii Jaarran Adda Bilisumma Sumaalee Dhihaa (maqaa Ingiliffaa Western Somale Liberation Front - WSLF beekkama) akka makamu gaafatan. Jaarran garuu kana fudhachuu dide. Bara 1975 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsoon biyyatti galauu akka qabu waan amaneef gara biyyaa seenee qabsoo jalqabe. Sabboontonni Oromoo Finfinnee jiran, labsii dhaaba Oromoo haarawa hundeessuu, kan Elemoo Qilxuufaa bara 1973 Finfineetti jalqaban xumuruuf gara Finfinnee akka dhufu affeerranii Finfinnee deeme. Haa ta'u malee, sabboontonni Oromoo dhaaba Maarkisisti-Leeninistii Dargii wajjin dhaaburratti waan qabamaniif dhaaba Oromoo hundeessuu kanarratti xiyyeeffachuu waan hindanda'mneef gara biyyaatti deebi'e. Qawwee
Apaartaayidiin qabsaa'aa ture Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta'aa "Faxnoo-Daraash", itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana naannoo fi dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Keessatti Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin haasawee booda Taaddasaa ni jijjiirrame. Akka dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaatti, Taaddasaan Akliluu Habtawaldi wajjin walgayii taa'ee Akililuunis Taaddasaan Oromoo ta'uu isaa waan hin beekneef Oromoo akka baratu gochuuni fii Oromoo loltuutti qacaruun gaarii akka hin taane itti hime. Jechi kun Taaddasaan yaada isaa akka jijjiiruu fi bara 1963tti miseensa Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka ta'u godhe. Waldaa kana keessattis sochii baayyee godhe. Beekkamtummaan Taaddasaa Birruu fudhatamni Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka dabalu godhe; dabalataanis dandeettiin geggeessummaan isaa dhaaba kana gara dhaaba mirga Oromootif qabsaawutti jijjiire. Karaa dhaaba kanaas, Taaddasaan, Oromoon akka baratuu fi akka of danda'u barsiisaa ture. Fakkeenyummaa Taaddasaa fudhachuun, dura buutonnii loltuu baayyeen, ummatni siivilii, namoonni baratan, namoonni bizinesii fi geggeessitoonnii amantii waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makaman. Namoonni kun baayyen isaanii Oromoo ta'uu isaaniyyuu dhoksanii kan turan yoo ta'u dhaaba kanatti makamuun isaani akka eenyummmaa isaani deebisanii akka labsuutti ilaalan. Mootummaadhan Mormuu Isaa Taaddasaa Birruu Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaatti galuun isaa fudhatama dhaabichaa dabale. Kun immoo Hayilasillaasee fi qondaaltota isaa aarse. Keesumaayyuu muummichi ministeeraa Akliluu Habtawaldi Taaddasaa akka masaanutti ilaaluu jalqabe. Akliluu dhuka'a boombii Finfinneetti ga'ee fi fincila Oromoonnii Baalee kaasan sababa godhatee Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka cufamu godhe. Miseensonni isaa baayyen qabamanii, baayyeen ajjeefamanii, baayyeen immoo biyyaa ba'an. Taaddasaan kana hunda jalaa bahee garuu hidhaa manaa jala akka turu godhame. Hidhaa manaa kana jalaa waggaa sadi'i booda dhokatee jalaa bade. Kanatti aansee loltoota Oromoo sadarkaa olaanaarra jiran wajjin ta'uun fonqolcha mootummaa yaalan; Hayilasillaases ajjeesuf karoorsan. Fonqolchi sun garuu odoo hin milkaawin hafe. Taaddasaan qabamee , umuriin isaa dulloomaa ta'uyyuu, garmalees reebbamee. Murtiin ajjeechaa itti murtaa'es boodarra gara hidhaa guututti jijjiirrame. Warri isa wajjin fonqolcha irratti hirmaatan baayyeen garuu ni ajjeefaman. Taaddasaan boodarra hidhaadhaa gadilakkifamee Galamsootti hidhaa manaa jala akka turu godhame. Taaddasaanis yeroo kana geggeessitoota Oromoo bebbeekkamoo kan akka Baaroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu (Hasan Ibraahim), Ahimad Hundee Taqii, fi Sheek Bakrii Saphaalloo wajjin wal qunname. Waxabajjii 1974tti, Itoophiyaan jeequmsa keessa waan seenteef impaayerri Itoophiyaa dadhabe. Taaddasaanis carraa kanatti fayydamuun Galamsoodhaa miliqee gara Finfinneetti deebi'e. Dargiin, waraana angoo mootummaa of harka galfate, Taaddasaan ministeera dhimma keessaa akka ta'uuf gaafate. Taadasaanis kana fudhachuu dide. Erga yeroo lammataatif didee booda, humni poolisii akka too'anna jala akka oolchuf ajajame; Taddasaan kana jalaa miliqee loltuu fincilaa waaraanaaf Shawaa keessatti gurmeessuu jalqabe. Loltuu keessatti hiriyoota isaa kan turan kana akka Koloneel Hayilee Raggaasaa, meejer Abbabaa
Gabramaariyaam fi dhumarratti jeneraal Jaagamaa Keelloo isatti dabalaman. Kabaja gooticha wareeggame Elemoo Qilxuuf jecha maqaa waraanni isaa itti fayyadamaa ture Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) maqaa jedhamu jaltti socho'uu jalqaban. Du'aasaa Taaddasaa Birruu finciltoota geggeessaa kan ture yoo ta'u jeneraal Jaagamaa Keellotiin ganamee Hayiluu Raggaasaa wajjin booji'ame. Taaddasaa fi Hayiluuttis hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Boodarra kun Dargiidhan gara ajjeechaatti jijjiirrame. Taaddasaa Birruu, Hayiluu Raggaasaa fi geggeessitoota Oromoo ta'an baayyeen gaafa Bitootessa 18, 1975 ajjeefaman. Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu qabsoo isaa kan itti fufe yoo ta'u bara 1976tti qaama Adda Bilisummaa Oromoo ta'e. Yaadatamuu Taaddasaa Birruu Oromoota baayyee biratti akka abbaa sabboonummaa Oromoo kan ammayyatti ilaallama. Barsiifni inni waa'ee eenyummaa Oromoo irratti gochaa ture dhaloota Oromoo haaraa kakaasee. Kunis aadaan, afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas sochiin bilisummaa Oromoo akka finiinu godhe. Sheek Bakrii Saphaloo Sheek Bakrii Saphaloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini. Jireenya Isaa Sheek Bakrii Saphaloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphalootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati. Sheek Bakrii Saphaloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphalootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.
qabu; barreeffama amantii sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya , Muqaddamat taysir al-zari'a (fuula 48 qaba), fi Taysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a ; fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame. Mahaammad Hasan yeroo kitaaba The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baayyee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse "seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba". Mahaammad wa'ee sirna Gadaa yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e. Yaaddannoo Isaa Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaa Oromoo beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti, "Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kana dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afan isaanitiin barreessen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalaala Oromoo argate. Hojiin Sheek Bakri Saphaloo inni guddaan qubee Afaan Oromoo ta'u uumuu isaati. Afaan Oromoo sirna barreeffamaa adda addaa lamaan barreeffama kana ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaan isaani ni beeka ture; innis Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii. Sirni barreeffamaa afaan lamaanu kana Afaan Oromoo barreessuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokko Afaan Oromoo dubbachiiftuu 10 kan qabu yoo ta'u Amaariffi garuu dubbachiiftu torba qofa qabaachuu isaati. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) kan baranne ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirnni barreeffamaa inni uume garuu irraa caalansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a. Kana jechuun sagaleewwan Afaan Oromoo tokko tokkon isaanitiif qubee tokko uume. Hayiwaardi fi Hasan itti aansun sirni barreeffamaa inni uume kun silabasii fi alfaabeetii kan walitti qabate ture jechuun dubbatu. Sirni barreeffamaa Sheek Bakrii kun akka Afaan Arabaa walitti hdihamaa kan hin turre yoo ta'u, kunimmoo Afaan Arabaarraa caalaa Gi'iizitti kan hidhate kan fakkeessu yoo ta'u, karaa biraa ammoo qubee sagalee hin qabne kan barreeffama keessatti itti hin fayyadamane qaba; kun immoo Gi'iizii keessa kan hin jirre. Walumaagalatti sirni barreeffamaa Sheek Bakrii afaan lamaanittu hidhata kan hin qabnee fi kalaqa mataa isaati. Huseen Bunee Huseen Bunee (1998-2004 ALH) qabsaawaa Fincila Baalee keessatti Jeneraal Waaqoo Guutuu wajjin ta'uun lolaa turani. Huseen jecha nafxanyaa qawween hin ajjeftu jedhu kan yeroo sana diinni ittiin ummata Oromoo sodaachisuuf fayyadamu nafxanyoota hedduu ajjeesun soba ta'u ummatatti agarsiisan. Seenaa Duubaa Huseen Bunee Godina Baalee aanaa Sawweenaa bakka Goonii Gafarsaatti jedhamutti abbaasaa Daraaraa Godaanaa fi armeesaa Hawwaa Badhaasorraa bara 1898 (ALH) ykn 1904/1905 ALA dhalate. Abbaansaa erga dua'anii booda Huseen Bunee qe'ee abaasaa too'achuuni fi obboleeyyansaa guddisuun dirqamasaa waan tureef kanuma fudhatee socho'aa ture. Yeroo sana manni barumsaa waan hinjirreef, Huseen mana amantii Islaamaa seenee amantii baratee barsiisaa ture. Erga guddatee haadha manaa fuudhee booda, ciminaa fi siyaa'inasaa kan argan bulchiinsa Mootummaa Hayila Sillaasee keessatti Burqaa godhanii muudan. Adeemsa keessan ciminasaarraa ka'uun gara bakka bu'aa baalabbaataatti ol guddisan. Adeemsa hojii kana keessattis hacuuccaa sirni Nafxanyaa ilamaan Oromoorran ga'u argee aaruu jalqabe.
Walga'ii baalabbaatota Oromo ta'an 18 irratti, Huseen Oromoon sirna nafxanyaa qabsaawu akka qabuu innis kanumaaf qophaawuusaa itti himee isaanif akka isa faana hiriiran gafate. Isaan garu humna maalitiin Hayila Sillaasee lolta, kuni gonkumaa hin ta'u jedhanii didan. Innis akkamitti akkan qabsaawuu Nafxanyaa akka falmu sinittan agarsiisa jedheen. Itti aansun Huseen Bunee horiisaa keessaa sangoota sagal gurguree qawwee sadi'i bitate qabsoof qophaawe. Obbolootasaa fi namoota biraa muraasa fudhatee bara 1962 ALH qabsoo eegale. Huseen Bunee Gaara Goonirratti qubachuudhan qabsoo finiinse. Namoonni gabrummaan itti hammaate hedduun dhaqanii miseensa waraana Huseen Buneetti makamuu eegalan. Gaara Goonii kan amma Gaara Huseen Bunee jedhamee moggaafame karaan ittiin koran tokko qofa, loltoonni Huseen Bunees gaara kana erga koranii booda loltuun Hayila Sillaasee akka hin seennef hulaa cufani. Yeroo loltuun Hayila Sillaasee dhufes dhagaa gaararraa itti gadi kaachisuun ajjeesu. Gaara kanarra bineensonni adda addaa waan jiraniif yeroo beela'an gadamsa ajjeesanii nyaatu turan. Gargaarsa Sumaalen Gootef Mootummaan Somaaliyaa cunqurfamtootaf gargaarsa akka kennu kan dhaga'e Huseen Bunee namoota saddeet filee gara Somaaliyaatti erge. Mootummaan Somaaliyaas gaaffii kana fudhachuudhan qawwee 8, dhoobir 7 fi toomsanii 1 kenneefi. Meeshaa kanatti fayyadamuun qabsoo itti fufan. Bara 1963 gara Somaaliyaa deemee bakka Elbaardii jedhamu dhaqee isaan wajjin marii godhe. Mootummaan Somaaliyaas qawwee, dhuka'aa fi rasaasa kenneefi geggeesse. Huseenis kana gaalatti fe'udhaan gara Baaletti deebi'e. Ummanni naannoo sanaas kanarraa ka'uun haamileensaa dabale. Baalabbaatonni duraan Huseen bunee didani amma harka lafa jalaatin gargaaruu eegalan. Bqattoonni Oromoo Huseen Mahaammad Suuraa gara Ijiiptitti ergan. Innis achi deemee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa akka gaafatuf ture. Mootummaan Ijiiptis kana fudhatee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa kenneefi geggeesse. Kana kan dhaga'e mootummaan Somaaliyaa aarudhaan akkamitti haayyama keenya malee siyaasa keessan biyya alaa baatan jedhe. Meeshaa waraanaa gargaarsan dhufe kan Barbaraa fi Basasoo gidduutti bu'ee ture loltootasaa itti ergee qabsiise. Namoota meeshaa waraanaa kana fe'uuf dhufan 36s qabee mana hidhaa Looyi Haaddee jedhamutti waggaa 5f hidhe. Baqattoonni Oromoo Somaaliyaa keessa turan nuti Sumaalee Abboo odoo hin taane nuti Oromoodha, yoo nu gargaartan maqaa kanaan nu gargaaraa jedhanii ibsa baasan. Huseen Bunee mootummaa Somaaliyaa wajjiin haasaa godhee kanuma waan ifa godheef mootummaa Somaaliyaatin hidhame. Mootummaan Somaaliyaa maqaa Sumaalee Abbotiin yoo qabsoofte gargarsaa siif goona, umurii kee guutuu miindaa siif kaffalla jedhanii amansiisuf yaalanirree Huseen Bunee ni dide. Waggaa sadi'ii fi ji'a booda Huseen Bunee mana hidhaatii gadi lakkifamee baqattoota achi jiranitti makame. Mootummaan Somaaliyaa gaafa gadi lakkisu qarshii shilingii kuma soddoma kenneefi. Elemoo Qilxuu Hasan Ibraahim, maqaa qabsoo Elemoo Qilxuu jedhamuun uummata biratti beekkama, hirmaataa warraaqsa sabboonummaa Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ti. Jireenya Isaa Jireenya Ijoollummaa Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa
dhuka'aa dhoose of ajjeese. Yaadatamuu Elemoo Qilxuun uummata Oromoo biratti nama waa'ee Oromootiif jedhee wareeggame jedhameeti beekkama. Yaaddannoo isaatifis walaloo hedduun kan barreeffame yoo ta'u kana keessaa kan Sheek Bakrii Saphaalloo kaasun ni danda'ama. Akkasumas sirbi baayyen sabboontota Oromootin isaaf sirbameera. Hayilee Fidaa Doktor Hayilee Fidaa (1939?-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiyaa (irra caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama. Seenaa Duubaa Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture. Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme. Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii, itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e. Sochii Siyaasaa Yeroo Firaansi turetti, Hayileen Maarkisizimii Sooviyeetii fudhatee ture; Rene LaFort akka jedhetti Hayileen miseensa Paartii Koministii Firaansi ture. Waamicha Dargiin Itoophiyaanonni baratan gara biyya isaanitti deebi'anii akka tajaajilan godhe fudhachuun, Hayileen bara 1975 keessa gara biyyaatti achas deebi'e. Nagadee Goobazee, kan achuma Firaansitti barachaa ture wajjin naannoo Yuunivarsiitii Finfinneetti "mana kitaabaa tarkaanfataa" bane; kunis kitaabota Maarkisizim-Leeninizimii lammii biyyaattiitif dhiyeessuf ture. Manni kitaabaa dulloomaa fi dadhabaa ture kun barattootaan guuttame, kitaabonni haaraa dhufan battalumatti gurguramanii dhumu ture.
Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975, barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe, Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture. Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e. Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii, impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise. Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti hirmaatan kan hojii baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan. Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye". Ottaways akka jedhanitti: Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu. Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e. Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan. EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin
kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamutti baratee xumure. Akk barnootasaa xumureenis waaijira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaf ramadamee hojjate. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta'ee hojjateera. Itti aansee bara 1978-1979tti konyaa Arbaa Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta'ee hoijate. Haa ta'uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qaba jechuun ba'uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi'ee hojjechuu jalgabe. Qabsoosaa Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABO waan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture. Hojii qabsoo inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeef, Guutamaan gara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta'e. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanatti eegalamee waan jiruuf, Guutamaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan naannoo sanatti ramadamee jirutti makame. Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti itti gaafatama dhaabaa kan gara garaarra ture. Kunis bara 1979-1984tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanatti Godina Kibba-Bahaa kan jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo aanaa Daaroo-Labuu kan of keessaa qabu ture. Yeroo kana koree keessatti itti gaafatamni isaa dhimma hojii hawaasummaa ture. Bara 1983 jila miseensota ABO Godinoota Bahaarraa yaamamee fi hogganoota ABO kan wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka Raaree Aadam Boruu jedhamutti taa'erratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO ta'ee filame. Bara 1984 keessa walga'ii koree gidduu-galeessaa 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa'erratti gaafa waajjirri siyaasaa ABO jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan hoogganaa Damee Hawaasummaa ABO ta'uun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophiirra jirutti, miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO ta'ee qindeessaa Itti-aanaa fi diinagdee koree kanaa fudhachuun ramadamee hojjate. Korarratti ammoo, yeroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan mataa Damee Diinagdee ABO ta'uun ramadame. Bara 1991, yeroo mootummaa ce'umsaa keessa ABOn seene, hirmaata hojii kan hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhaterratti miseensa mana marii fi itti-gaafatamaa Zoonii Kibbaa ta'ee ramadame. Bara 1992 yeroo mootummaa Ce'umsaa keessaa ABOn ba'etti itti gaafatamummaa kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi'ee maroo lammaffaaf gaara seene. Yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa humna isaani walitti qindeeffachuun waraana Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara 1994ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamurratti Waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa kun lola guddaa WBOrratti bananiin, lola hadhawaa guyyaa sad'iif geggeeffamerratti akka gootaatti lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla 14 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola geggeeffameerratti diinaan marfamee harka diinatti hinkennu jechuun boombii ofitti dhoosanii jaallewwansaa afur yeroo sana isa waliin turan waliin wareegame.
Guutamaa Hawaas qabsoof bosona kan seene naannodhuma itti dhalate waan ta'eef bara 1979-85tti sababaa fi maqaa isaatin maatii inni irraa dhalate dabalate ummanni Oromoo kan naannoo sanii fi hiriyyoonnisaa osoo hinhafin Dargiin ajjeefamanii lafarraa duguugamaa turan. Obboleessasaa Muhaammad Roobalee bara 1980 keessa magalaa Abboomsa keessatti ajjeefame, akkasuma Obbolecttiisaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji'a Ramadaanaa keessa bakka Dande jedhamutti bakka looniin godaantetti ganama manaa qabanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi dararaa erga oolanii booda naannoo manaatti deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman. Namoonni ga'eeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaan, mana keessatti ibiddaan gubamanii fi bakkoota gara garaatti ajjeefaman awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaate naannoo nama 500 oliiti. Guutamaa Hawaas intala Biiftuu jedhamtu kan qabu yoo ta'u yeroo ammaa Biiftun biyya Awustireeliyaa jiraatti. Maammoo Mazammir Koloneel Maammoo Mazammir (1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. Koloneel Maammoon sababa qabsoo mirga Oromootif gochaa tureen murtiin du'aa itti murteeffamee ajjefame. Seenaasaa Ijoollummaasaa Koloneel Maammoo Mazammir abbaasaa obbo Mazammir Habtee Doorii fi haadhasaa aadde Ummee Gurmeessaarraa Shawaa Lixaa magaalaa Amboo Aanaa Gudar keessatti bara 1929tti dhalate. Dhalatees umuriinsaa gaafa barnootaaf ga'u mana barnootaa dajjaazmaach Bashaa magaalaa Gudar keessatti argamu seenudhaan barnoota sadarkaa jalqabaa barate. Akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Makonnin keessatti osoo hordofaa jiruu mana barnootaa leenjii barsiisotaa Hararitti akka baratuuf barattoota yeroo sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta'uungara magaalaa Hararitti imale. Haa ta'u malee fedhiinsaa yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas waan barbaadef mana leenjii waraanaa Harar seene. Mana leenjii kana keessattis qabxii olaanaadhaan waan xumureef leenjisaa mana leenjii waraanaa Harar ta'ee muudame. Yeroo muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan keessaa Maammoo Mazammir isaan tokko ture. Bara 1962tti Yuunivarsiitii Finfinneerraa digirii jalqabaa barnoota seeraatiin LLB argate. Qabsoosaa Koloneel Maammoo Mazammir osoo barnootaaf mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee jiruu, uummanni Oromoo gurguddoon waliin gurmaa'uudhaan Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii akka jalqaban odeeffannoo argate. Yeroo kanarraa jalqabees barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa gara Waldaa Maccaa fi Tuulama keessatti makamuuf sochii jalqaban keessaa Maammoo Mazammir isaan hangafaati. Fedhiin isaa kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaatti makamuudhaan hanga murtoon du'aa itti murtaa'ee fannifamutti sochii guddaa fi bu'a qabeessa ta'e seenaa uummata Oromoo keessatti raawwatee darbe. Koloneel Maammoo Mazammir bara jireenya isaa harka caalu kiitaaba seenaa fi siyaasaa dubbisaa akka dabarsee fi uummata Oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee ta'uudhaan waltajjii garaa garaa irratti falmii ciccimoo taasisaa ture. Seenan Itoophiyaa sobaan kan
Hayilamaaram Gammadaa (1915 - 1970) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa isa tokko. Hayilamaariyaam reebichaa fi dararaa mootummaan Hayilasillaasee isarraan ga'erraan kan ka'e yaallamaa turee Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. Seenaa Duubaa Hayilamaaram Gammadaa kutaa bulchiinsa Shawaa Kaabaa, aanaa Jiddaa keessatti bara 1915 maatii qonnaan bulaarraa dhalate. Yeroo inni barnoota sadarkaa lammaffaa barachaa jiru Xaaliyaanin Itoophiyaa weerarte. Hayilamaaram Gammadaas Raas Abbabaa Aragaay (akaakayyuu Goobana Daaccii) jalatti galuun Xaaliyaanii lolaa ture. Boodarra Xaaliyaanotaan booji'amee Somaaliyaatti waggaa sadi'i hidhame. Erga Xaaliyaanin bara 1941 Itoophiyaadhaa baatee booda, Hayilamaaram biyyatti deebi'ee Ministeera Humna Namaa keessatti mindeeffamee Shawaa, Tigraayi, Harargee, Kafaa, Iluu Abbaa Boor, Arsii fi Sidaamoo keessatti hojjachaa ture. Kutaalee Oromiyaa hedduu keessa socho'uun odeeffannoo seenaa Oromoo, aadaa, duudhaa fi dhaabbilee siyaasaa guuraa ture. Carraa hojiisaa kanaanis Haayilamariyam bakka hedduu waan deemeef, waa'ee Oromoo fi kutaalee Oromiyaa akkasumas, mala bulchiinsa jallaa ummata Oromoorratti mootummaa yeroo sana tureen fe'amee jiruu fi walumaa galatti waa'ee Impaayera Itoophiyaa kana hubannaa gaarii argachuu danda'ee ture. Bulchiinsa loogii sanyii, dhiittaa mirga dhala namaa Oromoon lafa itti dhalatee keessatti irratti geggeeffamuu fi akka sabaatti tuffatamuu fi maqaa hinmalleefiin waamamuunsaa Haayilamaariyam kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti argaa ture sun boqonnaa dhorkate; hojiisaa qalbiin itti fufee hojjachuu hindandeenye. Rakkoo sana keessaa Oromoo kan baasuu danda'u Oromoo malee qaamni biraa jiraachuu akka hindandeenye hubate. Kaanfis ofirraa jalqabuun akka barbaachisu murteessuun hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjachaa ture gad lakkisuun dhuunfaan hojii abukattummaa seeraa hojjachuu jalqabe. Hojiinsaa kunis barnootaan kan deeggarame akka ta'uuf, guyyaa hojjachaa galgala ammo barnoota seeraa Yuunivarsiitii Finfinneetti barachuu jalqabe. Barnootasaa kanas xummuree Diploomaan erga eebbifameen booda, jiruu fi jireenyasaa hafe Oromoo salphina isa mudate keessaa baasuuf ga'eesaa ba'uuf of qopheessuu jalqabe. Hojiin seeraa inni dhuunfaan hojjatu kunis Oromoota kutaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan wajjin kan wal isa barsiise yoo ta'u, namoota qunnamuu hundaa irraa waan inni dhaga'u haqa barbadaaf dhaaddachaa fuula duratti dhihaatanii haqa osoo qabanii sanyiin looginsa ta'u yeroo hubachaa deemu, jibbiinsi sirna sanaaf qabu jabaachaa hawwii inni qabsoof qabu ol ka'aa deeme. Akeeka isaa fiixaan baasuufis umanni Oromoo bifa kamiinuu of ijaaruu fi ijaarsa sanaan tokkummaan qabsoo gochuu akka qabu waan itti amaneef, hayyama mootichi Hayilasillaasee uummanni of ijaaruu danda'a jedhee baasetti dhimma bu'aan namoota yaada akka isaanii qaban waliin ta'uun bu'ureffamni Waldaa Maccaafi Tuulamaa mirkana akka ta'u taasise. Hayilamaaram nama dubbisuu jaalatu, waan haaraa baruuf nama fedhii qabu fi nama sammuu qara qabu ture; kunis seenaa Oromoo hedduu akka beeku isa godhe. Hayilamaaram seenaa fi aadaa Oromoorratti beekumsa olaanaa qaba ture. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Keessatti Hayilamaaram Gammadaa namoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hundeessan keessaa tokko yoo ta'u barreessaa waldichaa ta'ee hojjachaa ture. Hayilamaaram hogganaa koree seeran ittiin-bulmaata waldichaa baasu ture. Maqaa waldichaallee kan baase isuma yoo ta'u asxaa dhaabichas akka odaa ta'u kan yaada dhiyeesse isa ture.
Sochii Hayilamaarama Maccaa fi Tuulama keessatti godhu, sirna fiwudaalaa Hayilasillaassee baayyee sodaachise. Akkasuma ta'ee garuu, mootichi Hayilamaaram irratti balaa qaqaabsiisuu odoo hintaane ofitti butuun dhimma itti ba'uuf saganteffate. Haala kanaanis hojii mootummaatti deebi'ee mindaa fi itti gaafatamuummaa guddaa akka qabaatuuf yaadun xalayaan ajajani. Hojii isaa kennames itti gaafatama abbaa seeraa fi qeeyee mootummaaf ammoo gorsituu seeraa ta'ee akka dalaguuf ture. Muudamni kun maalif akka ta'e Haayilamaaramiif battalumatti galeefi. Yeroo gabaabaaf erga hojjateen booda fedha isaan hojicha gad lakkisee ba'uun yeroosaa guutummatti ijaarsa Waldaa Maccaafi Tuulamaa irratti dabarsuu jalqabe. Hojiisaa gadi lakkisee yeroo muraasa booda hidhattoota mootummaatin qabamee mana hidhaatti darbatame. Qabeenya isaas maqaa idaa baankii jedhuun horii hintaanetti gurguruun mormitoonnisaa akka qircatan taasisanii. Akka kanatti maatii fi qee'eesaa dirree gubbaatti rakkinaaf saaxilan. Mana hidhaa sana keessattis dararama qaamaafi qalbiin irra ga'aa tureen erga dadhabeen booda manatti galee haa du'u jechuun yeroo lubbuun isaa ba'u geessu manatti galchan. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga dhorkamee booda sababa hirmaannaa waldicha keessatti qabuun reebichaa fi dararaa guddaa mootummaan fiwudaalaa irraan geessise. Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hindandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Gara boodaa garuu gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. Gara mana yaalaa deemuf yeroo ka'u, Hayilamaaram jaallewwansaatin akkas jedhe: "Kana booda waan wal arginu natti hinfakkaanne. Nuti duunus du'uu baannus, kaayyon keenya kan Oromoo bilisoomsuu ijoollee fi ijoollee ijoollee keenyatiin galma niga'a" Waa'ee Maccaa fi Tuulamni akka hinsochoone dhorkamuu fi miseensoni waldichaa hidhamuu ilaalchisee akkas jedhee dubbate: "Hoggantootaa Maccaa fi Tuulamaa hidhuu fi ajjeesun, waldaan kun akka hinsochoone dhorkuun qabsoo mirgaa ummani Oromoo godhu hinukkamsu. Wanti nuti hojjanne akka bofa hudduu lixeeti, yoo harkifamee ba'es yoo achi keessatti dhiifames tokkuma. Summiisaa qaata facaaseera waan ta'eef" Hayilamaaram, qabsoo Oromoo keessatti, gumaacha godheen yoomiyyuu ni yaaddatama. Eebbisaa Addunyaa Eebbisaa Addunyaa weellisaa beekkamaa fi qabsaawa mirga Oromoo ti. Kan inni ittiin beekkamu keessaa tokko walleesaa kan gootummaa faarsuu fi deeggarsa olaanaa ABOf, dhaabbata Oromoon hiree isaa ofiin akka murteeffatuuf qabsaawu, qabuuni. Eebbisaan Humna Poolisii Federaalatiin gaafa Hagayya 27, 1996tti manaasaa isa Finfinnee jiru keessatti ajjeefame. Ebbisaan kan dhalate naannoo Oromiyaa Wallagga Lixaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti. Eebbisaan maatiisaaf ilma angafa yoo ta'u obboleeyyan dhiiraa 2 fi durbaa 3 qaba. Eebbisaan nama kennaa qabuu fi dargaggeessa kabajamaa ture. Barumsaa sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Oliiqaa Dingilitti kan barate yoo ta'u, barumsa sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qeellamitti barate. Eebbisaan qormaata biyyoolessaa fudhatee waan darbeef yuunivarsiitii galee barachuuf qophaa'aa ture. ABOtti Makamuusaa Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO,
Seenaa Gootota Oromoo 1
Course: Business law (301)
University: Jimma University
- Discover more from: